YUNIVARISIITII YUNIVARISIITII DILLAA KOOLLEEJJII KOOLLEEJJ II SAAYINSII HAWAASAA FII NAMUMMAA MUMMEE AFAANIIFII OGBARRUU OROMOO
GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN OROMOO KEESSATTI QABU IBSUU
Qorattuun: Sa’aadaa Abbaabbuu
Waxabajjii, 2009 Dillaa, Itoophiyaa
1
GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN OROMOO KEESSATTI QABU IBSUU
QORANNOO ULAAGA DIGIRII JALQABA GUUTTACHUUF MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAATTI
YUNIVARSITII DILLAAF DHIYATE
Qorattuu: Sa’aadaa Abbaabbuu Gorsaa: Yuusuf Huseen
Waxabajjii, 2009 Dillaa, Itoophiyaa
2
GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN OROMOO KEESSATTI QABU IBSUU
QORANNOO ULAAGA DIGIRII JALQABA GUUTTACHUUF MUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAATTI
YUNIVARSITII DILLAAF DHIYATE
Qorattuu: Sa’aadaa Abbaabbuu Gorsaa: Yuusuf Huseen
Waxabajjii, 2009 Dillaa, Itoophiyaa
2
YUNIVARISITII DILLAA KOOLLEJJII SAAYINSII HAWAASA FI NAAMUMMAA MUMMEE AFAANII FI OGBARRU OROMOO
GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN OROMOO KEESSATTI QABU IBSUU
Sa’aadaa Abbaabbuu
KOREE MIRKANEESSITUU
Maqaa
Mallattoo
Guyyaa
Gorsaa: ___________________ ___________________
___________________ ___________________
______________ ______________
Qoraa: ____________________ ____________________
___________________ ___________________
______________ ______________
Waxabajjii, 2009 Dillaa, Itoophiyaa
3
Baafata Qabiyyee Fuula ........................................................................................................... I Galata...........................................................................................................................II Axeeraraa.....................................................................................................................III Boqonnaa Tokko
1.
Seensa..........................................................................................................................1
1.1. Seen Duubee...............................................................................................................1 1.2. Ka’uumsa Qorannichaa....................................... ........................................................3 1.3. Kaayyoo Qorannichaa ......................................... .....................................................3 1.3.1 Kaayyoo Gooroo.......................................... ................................................. ..........3 1.3.2. Kaayyoo Gooree....................................................................................................3 1.4.
Barbaachiisumma Qorannichaa................................................. ..............................4
1.5.
Daangaa Qorannichaa ............................................... ................................................4
1.6.
Mala Qorannoo................................................ ..........................................................4
1.6.1. Mala Iddatteessuu......................................................................... ..........................4 1.6.2. Meeshaalee Funaansa Raga........................................ ...............................................5 1.8.
Adeemsa Qaccessaa Fi Hiika Odeeffannoo........................................ ........................5
1.9.
Haqina Qorannicha......................................................................................................5
Boqonnaa Lama
2.
Sakatta’a Og- Barruu....................................................................................................6
2.1. Maalummaa Waaltinaa.......................................................... ......................................6 4
2.2.
Barbaachiisummaa Afaan Waalteessuu............................................... ......................6
2.3. Akaakuu Afaan Waalteessuu............................................... ........................................7 2.4. Sadarkaa Afaan Waalteessuu......................................................... ...........................7 2.5. Maalummaa Galaalchaa.............................................................................................9 2.6. Faayidaa Galaalchaa...................................... ...........................................................10 2.6.1.
Faayidaa Galaalchaa Gama Beeksisuuttin............................................................11
2.6.2.
Faayidaa Galaalchaa Gama Bashannansiisuttin....................................................11
Boqonnaa Sadii
3.1. Qaacceessaa Fi Hiika Oddeeffannoo........................................................................12 3.2. Gahee Gaazexaa Bariisaa Waaltina Afaan Oromoo Keessatti Qabu........................12 3.3. Jechoota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Waaltinaa Agarsiisan.....................................15 3.4. Loogotaa Gaazexaa Bariisaa Keessatti Mul’atan ........................................................18 Boqonnaa Afur
4.1. Cuunfaa .......................................... ..............................................................................21 4.2. Argannoo ........................................... ..........................................................................21 4.3. Yaada Furmaata..................................................... ................................................... ....21
5
BOQONNAA TOKKO 1.1 Seenduubee Qorannichaa
Afaan waaltessuun adeemsa afaan dubbattoota tokkoon dubbatamu ta’ee loogota garagaraa ufkeessaa qabu loogota afaanichaa walitti fiduudhaan kan caalatti filatamaadha ykn dubbattoonni afaanichaa rakkoo tokko malee ittin walii galu jedhamee yaadamu keessaa filachuun qopheessuu , qinddeessuu fi hammayyeessuun hojiirra oolchuuti. Kana kan raawwatummoo fayyadamtoota afaanichaa yoo ta’u barruuleen afaanichaan qopha’anii fi sabqunnamtiileen garaa garaa gahee mataa isaanii qabu . Yaanni kun wirtuu jildii (1995:6) yoo ibsamu “ waaltina afaan tokkootiif barreefamoonnii fi meeshaaleen qunnamtii garaa garaa gahee guddaa qabu” . Yaaduma kana deegaruun Asaffaa Tafarraa(2009 :114) . yoo ibsu. “Moggaasni jechootaafi yaadachiisni jechoota dagatamanii karaa sabqunnamtiifi galaalchota ykn barruulee garagaraa biroon ummata bira ga’u.Galaalchonni fi barruuleen Afaan Oromoo kunniinis ergaa isaanii keessatti waaltina Afaan Oromoo irratti ni hojjatu”. Akka yaada kanarraa hubannutti miidiyaaleen ykn sabqunnamtiilee fi barruulee garagaraa waaltina afaan tokkoo keessatti gahee guddaa akka qabaniidha.Kunis kanta’u karaa jechoota waalta’aniifi dagataman salphaatti ummata biraan ga’uun ummatichi afaan isa waalta’aa akka baratanii fi itti fayyadaman gochuutiin ta’a. Akkuma armaan olitti kaafame waaltina afaan tokkootiif wantoota tajaajila keessaa miidiyaaleen isaan tokko. Midiyaa jechuun karaa taatee iddoo murta’aa ykn hawaasa tokko keessatti uumame meeshaalee teeknoloojii garagaraa fayyadamuun ummata bal’aa biraan ittiin gahaniidha.Midiyaalee kanniin keessaa miidiyaa tamsaasaa fi miidiyaa maxxansaa kanneen jedhaman isaan beekamoodha.miidiyaa tamsaasaa kanneen jennuun Radiyoo , Televijiinii fi Midiyaalee Hawaasaa kanneen biroo ta’uu danda’u. Miidiyaalee maxxansaa kanneen jennuun miidiyaalee odeefannoo argatan bifa barreessanii maxxansuu fi dubbistoota biraan gahaniidha. Miidiyaa kana miidiyaa tamsaasarraa adda kan isa taasisu odeeffannoon miidiyaa kanaan funaaname umrii dheeraa kan turu ta’uu isaati. Miidiyaalee maxxanfamanii gurra ummataa ykn dubbistootaa gahuudhaan waaltina afaan tokkoo keessatti gahee ol’aanaa qaban keessaa galaalchonni isaan tokko akka ta’an nidubbatama. Galaalchonni Afaan Oromootiin maxxanfamanii bahan muraasa yoo ta’an isaanis :-Bariisaa , 6
Oromiyaa fi Kallacha Oromiyaati. Galaalchoonni kunniinis waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee mataa isaanii qabu. Yaanni kun wirtuu jildii (3ffaa : 126).yoo ibsamu . “Waaltina afaan tokkootiif maxxansaalee tajaajilan keessaa harki caalu galaalchaadha. Guyyaa guyyaan ykn torban torbaniin harka namootaa galu, karaalee barreefamaa jechootaa fi caasimaan ergaa dabarsu, baruumsas kennu. Bariisaa Oromiyaa fi kallachi Oromiyaa gaheen isaan waaltina Afaan Oromoo keessatti qaban salphaa miti”. Akkuma armaan olitti tuqame galaalchota Afaan Oromoo waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa taphachaa jiran keessaa gaazexaan bariisaa isa tokko yoo ta’u qorannoon kunis kan irratti xiyyeeffatu gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuudha. Gaazexaan bariisaa gaazexaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin barreefamee maxxanfame yoo ta’u yeroo ammaa kana torbanitti altokko dhaabbata Pireesii Itoophiyaatin maxxanfamee gurra ummataa gaha.Bariisaan gaazexaa Afaan Oromootiin jalqaba qophaa’e ta’uu isaatiin hundeeffama isaa irratti hayyoonni hedduun yaada kennanii jiru. Engidawork Taddesse (2015: 115) yoo ibsu “Aweekly News paper established in 1976 barisa was operated to 39 years the news paper is owned by Ethiopia press agency covers issues on politics, national news, International news, Arts culture letters, Intertainement and others in oromiffa”. Akka yaada armaan olii irraa hubannutti Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo bara 1976 hundeeffamee torbaanitti al tokko gurra ummataa gahuudha. Xiyyeeffannoon isaas siyaasa, diinagdee, aadaa, hawaasummaa, oduu biyya keessaa fi biyya alaa artii ispoortii fi dhimmoota garagaraa biroo o fkeessatti qabata. Kana males yaaduma kanaan walfakkaatu Adunyaa Fayyisaa (2007:15) semu (1980) wabeeffachuun yoo ibsu. Barisa was established on September (12:1975) by private entrepreneur and made public media in February (1977) since the being of federal government paper published on this language by Ethiopian press agency the paper has remained for over 30 the solve news paper on this language, with this focused on political, social and Economic issues now it has circulation of 12.000 copies its published weekly.
7
1.2.
Ka’umsa Qorannichaa
Waaltina afaan tokkootiif fayyadamtoonni afaanichaa fii barruuleen afaanichaan barreefaman gahee guddaa qabu. Afaan tokko kan waaltessu dubbattoota afaanichaa yoo ta’u barruuleen garagaraammoo karaalee jechoota waalta’aa fi dagatamaa jiran fayyadamuun dubbistootaa biraan ga’uutiin shoora guddaa qabu.Barreeffamoota kana keessaa galaalchonni isaan tokko. Dhimma kanarratti Asaffaa Tafarraa (2009) Eela seenaa ogummaa oromoo) akkas jedha “ barreeffamoota afaan tokkoon barraa’anii dhiyaatan keessaa galaalchonni afaan tokkoo guddisuu fii waaltessuu keessatti shora guddaa qabu”Qorannoon kunis gahee gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuudhaf gaazexaa Bariisaa bara (2009) keessaa hamma danda’ame fudhachuun geggeeffameera. Qorannoon kunis gaaf filee armaan gaditti ka’aniif deebii kennuuf yaaleera. 1. Gaheen Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu maali ? 2. Jechoonni gaazexaa Bariisaa keessatti waaltina argisiisan kam fa’a? 3. Gaazexaan Bariisaa loogota akkamii fayyadame? 1.2 Kaayyoo qorannichaa 1.3.1. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoo gooroo qorannoo kanaa akka walii galatti gahee gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuudha. 1.3.2. Kaayyoo Gooree
1. Gahee gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsu. 2. Jechoota gaazexaa Bariisaa keessatti waaltina agarsiisan sakkatta’uu. 3. Loogota gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atan sakkatta’uu.
8
1.4, Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun kan irratti geggeefame gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuu waan ta’eef.yoo xumurame faayidaalee armaan gadii kennuu danda`a. Namoota maalummaa waaltinaa hin beekneef hubannoo kennu / barsiisuu. Namoota dhimma kanaan wal fakkatu irratti qorannoo geggeessuu barbaadaniif akka
madda odeeffannootti nitajaajila. Qorannoo biraaf karaa saaquu danda’a.
1.5. Daangaa qorannichaa
Yeroo ammaa kana gaazexaaleen
hedduun Afaan Oromootiin maxxanfamee ummataaf
dhiyaacha a jira.Gahee gaazexaaleen kunniin waaltina Afaan Oromoo keessatti qaban irratti qorrannoon osoo geggeefamee gaari ture.Haata’u malee sadarkaa kanatti haala kanaan qorannoo geggeessuun ulfaataa waan ta’eef qorannoon kunis gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuu qofarratti xiyyeeffateera. 1.6. Mala Qorannoo
Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun hojjatameera. “Odeeffannoon mala kanaan funaanamu /qorannoon mala kanaan geggeefamu” mala addeessaa ykn ibsaatiin dhiyees sa, Adeemsi isaas adeemsa baramaadha.” Dastaa Dassaleny (2013:19). 1.6.1 Mala iddatteessuu .
Malli iddaatteessuu qorannaan kun gargaaramee qorannoosaa gegeessee mala iddatteessuu kaayyeffatamaadha. Mala kana Adunyaa Baarkessaa (2011:67) yoo dubbatu “ malli iddatteessuu kun kan qorataan beekumsa dhimmicharratti qabu irratti hundaa’uun kanneen odeefannoo irraa argachuu danda’an murteessuu ilaallata”. Haaluma kanaan qorannoon kunis gaazexaa bariisaa bara 2009 maxxanfame bahe keessaa kan ji’oota jahan darbanii keessaa fudhachuun irratti geggeeffameera.
9
1.7. Meeshaalee Funaansa ragaa
Meeshaaleen funaansa raga qorannoon kun itti garaarame sakatta’a dookmantiiti , Sakatta’a dookimantii jechuun barreeffamoota gara garaa yeroo dheerattis ta’e yeroo gabaabaa dura Namoota biraan barraa’anii olkaa’aman keessaa tokko fudhatanii sakatta’uu ragaa/ odeeffannoo/ barbaadame funaanuu jechuudha. Meeshaalee funaansa ragaa kanneen Dastaa Dassaleny (2002:101) yoo ibsu “Gosoonni barreeffamootaa akka odeeffannoo qorannootti gargaaran xalayoota, barruulee, waraqaa ragaa fi ajandaa fa’a” Qorannoon kunis Gaazexaa bariisaa bara (2009) sakkatta’uun odeeffannoo barbaadame hamma tokko argachuu danda’eera. 1.8. Adeemsa qaaccessaafii hiika odeeffannoo
Adeemsi qorannoo kanaa geggeessuu keessatti haalli ragaan itti qaacceffamee fi hiikame ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan erga walitti qabamanii booda gadfageenya dubbisanii sakkatta’uun hiikni itti kennamee dhiyaateera. Hanqina Qorannichaa
Qorannoon kana geggeessuu keessatti rakkinoonni hedduun qorattuu muudataniiru. Rakkinoon ni kunniinis bajata gahaa dhabuu, yeroo gahaa dhabuu fi kitaabilee dhimma kanaan walqabatan gahaa dhabuu fa`i.
10
BOQONNAA LAMA 2. SAKATTA’A OGBARRUU 2.1. Maalummaa Waaltinaa
Afaan waaltessuun afaan loogota garaa garaa of keessaa qabu tokko loogota afaaniichaa sa na walitti fidanii waltessuun kan dubbattoonni afaanichaa rakkoo tokko malee ittiin walii galu jedhamee yaadamu filatanii qindeessuu fii hammayyeessuun hojii irra oolchuudha. Maalummaa afaan waaltessuu hayyoonni garagaraa haala kanaan kaa’aniiru. Wirtuu jildii (3ffaa:110) Hudsen (1980) wabeeffachuun yoo ibsamu. “Afaan tokko keessatti garaagarum maan loogaa mul’achuu danda’a garaa garummaan loogoota kunniin kan furamu yoo ummanni hundii qooda fudhateedha kana jechuun afaan tokko kan guddatu ofumaa gara fedhetti yoo ta’u waaltessuun ammo uummatichi gara ofii fedheetti de ebisuu jechuudha”
Gama biraatiin Girmaa Maammoo wirtuu jildii (9ffaa:191) waaltina yoo ibsu. “Language standardization (LS) is refers to the process in wich language codified elaborated. Implem ented modernized”. Akka waraabbii armaan olirraa hubannutti afaan waaltessuun adeemsa a faan tokko qopheessuu qindeessuu fi hammayyeessuuti. Kanamalees wirtuu jildii (1995:8) waaltinni yoo ibsamu “Afaan waaltessuun jechuun dubbattoonni afaan sanaa gidduu galinaan
itti
walqunnamuu
fi
loogawwan
garaagaraa
afaan
sanaa
walsimsiisanii
fayyadamuun bal’inaan waaltessuudha”.
2.2. Barbaachisummaa Afaan waaltessuu.
Afaan tokko guddatee galma barbaadamurraa gahuuf waalta’uu qaba. Afaan tokko loogaa hedduminaan of keessa yoo qabaate guddina afaanichaarratti rakkoo uumuu danda’a. Misga anuu Gulummaa (2012:113 Barbaachisummaa waaltina yoo ibsu. “Afaan tokko loogota garaa garaa qabaachuun seeruma afaaniti loogonni afaan tokko keessaa jiran garuu babal’atanii walii galtee dhabamsiisuun loogota garagaratti akka hin fottoqne eeguun barbaachisaadha”. Sababni isaas tokkummaa fii jaalaalli hawaasa afaanicha dubbatu gidduu jiru Akka hin laafne eenyummaa hawaasichaa calaqqisisuf amantii fi gabbisuuf dagaagsuu fi kan kana fakkataniidha.
11
aadaa isaanii
Kana males yaanni kun wirtuu jildii (9ffaa:194) yoo ibsamu “language standardization nec essary for multi lingual country to official recognized or make opportune their language to be standardization or modernized.” Akka waraabbii armaan olirraa hubanutti. Afaan waaltes suun biyyoota af heddee ta’an keessatti qaamni dhimmi ilaalu tokko sirreessuu, waaltessuu fi hammayeessuudhaan fayyadamuudha.
2.3. Akaakuu Afaan waaltessuu
Akaakuu Afaan waaltessuu
Misgaanuu Gulummaa (2012:15) bakka lamatti qoodeera.
“Afaan waaltessuun karaalee lamaan kan geggeeffamu yoo ta’u isaaniis
karaa idilee
qorannoo saayinsaawaa geggeessuun itti fayyadamuu fi itti karoorfameeti karaa alidileetiin waaltessuun ammo osoo itti hin yaadin hawaasni afaanichaan walii galu jiruu fi jireenya isaa guyyuu keessatti itti fayyadamuudhaan kan walta’uudha”.
Yaaduma kana Girmaa Maammoo wirtuu jildii (9ffaa- 193) yoo ibsu “language standardization generally be classified in to formal and informal whereas formal language standardization is process by wich language is or are purposly standardized in formal process by wich speech communities consciously standardize their languages or (ibid)”.
2.4. Sadarkaa Afaan waaltessuu
Afaan tokko loogota sadarkaalee garagaraa of keessaa qabaachuu danda’a loogonni kunninis looga sadarkaa qubee, jechaa fi dubbii ta’uu danda’a .Loogonni kunis sadarkaalee waaltinaa gara garaan waalta’uu danda’u . yaanni kun wituu jildii (3ffaa 117:129) irratti akka armaan gaditti ibsameera.
Afaan tokko karooraan waalta’a. qaama saba tokkoo keessaa waa’ee waaltinaa beekkumsaa fi muxannoo qabantu waaltessa. Sadarkaa waaltinaa Afaan Oromoo yeroo ammaa kana irraa j iru bakka (4)tti ilaalama. isaanis looga waaltinaa, qubee waaltinaa, fayyadama qubee fii loogaa babal’isuu fi qubee fii loogni akka fudhatama argatu taasisuudha.
12
Looga waaltinaa kan jennu afaan tokko karaa looga sadarkaa inni irra jiru kan ittiin gamaaggamamu keessaa jechoota walii galteef gufuu ta’an lakkaawuudha. Jechoonni kunniin jechoota bu’uuraa turaaleyyii ta’uu qabu. Kunis jechoota lakkaawaman har ka 100 keessaa 70-75 kan ittin walii galan yoo ta’u afaan sun afaan tokko jedhama.
1) Qubee waaltinaa; Afaan tokko karaa lamaan qubee horata kunis tolfachuun ykn liqeeffachuudhaan yeroo filataman kan sagalee ofiif mi jaa’u ykn kan leetoo addunyaa waliin namaa deemu filachuun barbaachisaadha. Wanti guddaan caalatti afaan san kan hin diigne ta’uu qaba. 2) Fayyadama babal’isuu loognii fi qubeewwan filatamaan gufuu malee akka tajaajilaniifi ummata bira gahan deeggarsa gaafata. Maxxansi adda addaa fulleffannoon bahee harka namaa galuu qaba. Maxxansaaleen kanninis muraasni isaanis a) -galmee jechootaa; maxxansi gosa kanaa barreefamaa fi jechoota waaltessa. b) Wirtuu; waaltinaa jechoota moggaasaa fi barreefamni waaltinaa maal akka ta’e qabatamaan deebii kennuuf yaaliin godhamu barruulee kanaan iftooma. c) Galaalcha; waaltinaa afaanitiif maxxansaalee tajaajilan keessaa harki guddaan
galaalcha. Guyyaa guyyaan ykn torban torbaniin harka namaa
galu qabata adda addaatiin dubbifamu. Karaa barreeffamaa jechoota fii caasimaan barumsa kennu bariisaa oromiyaa fi kallachi oromiyaa gumaachi isaan waaltina Afaan Oromoo keessatti qaban olaanaadha. 3) Fayyadamaa horachiisuu: Loogonnii fi qubeen ergaa filatamanii booda barruu fi maxxansi waaltinaa fuulleffatan akka tamsa’an godhamu. Sadarkaalee waaltinaa armaan olitti eeraman keessaa Fayyadamaa horachiisuuf fayyadamaa babal’isuu kan jedhaman walfakkeenya cimaa kan qaban yoo ta’u garaa garummaas hamma tokko ni qabu. 4) Fayyadamaa horachiisuu kan jennu afaan tokko keessatti jechoota ykn qubeelee afaanichaa waaltessuudhaf bifa haraaan uumaman kanneen dubbattoota afaanichaa biratti hin beekamne karaalee maxxansaalee gara garaa kanneen akka galmee jechootaa, gaazexaalee, kitaabilee fi barruulee gara garaa biroo fayyadamuun 13
ummata bal’aa biraan gahuu dha. Kanaafuu gaazexaaleen gama jechoota afaan tokko keessatti uumaman fayyadamuun fayyadamaa heddu horachiisutiin gahee guddaa qabu. 5) Fayyadamaa babal’isuu kan jennu ammoo jechoota afaan tokko keessatti waalteffamanii fi akkasumas jechoota durii kanneen dhaloota ammaa biratti bal’inaan hin beekamne fayyadamuun ummata bal’aadhaaf tamsaasuun akka jechi ykn qubeen sun dubbattoota afaanichaa hunda bira gahu gochuudha.
Gama kanaan gaazexaaleen shora ol’aanaa qabu. Jechoota afaanicha keessatti uumaman wa alta`aniifii dagataman qabatanii guyyaa guyyaan ykn toban torbaniin harka dubbiftootaa ga’u. Walumaa galatti gaheen gaazexaaleen waaltinaa afaan tokkoo kessaatti qaban sadarkaalee waaltinaa kanneen keessaatti bal’inaan mul’ata. 2.5. Maalummaa Galaalchaa
Galaachi meeshaa odeeffannoo gammachiisaa, gaddisiisaa, barsiisaa fi k.k.f. ta’ee Eddo murta’aa tokkotti uumamee funaanuun ummataaf dhiyyeessuudha. Yaada kana Asaffaa Tafarraa (2009:124) yoo ibsu ‘Galaalchonni guyyattii ykn torbanittifii sanaa oliin kan maxxan famu ta’ee odeeffannoon kennuu, kan barsiisu, bashannansiisuufi kannen kana fakkaatan qabatee ummataaf dhiyaatudha.Bariisaa Oromiyaa fi Kallacha oromiyaa akka fakkenyaatti kaasuu dandeenya. Gama biraatiin Globe Fearon n:4 yoo ibsu “news paper tell us whats happening the report the news around the world and across they show as photos they discibe the events” akka yaada armaan olirraa hubanneetti gaazexaaleen gaaffilee maaltu uumame jedhan kaasuun gabaasuu fi suurawwan fayyadamuun taatee ummame tokko addunyaaf ibsuuf gargaaru. Karaa biraatiin odeeffannoon toora interneetii (https://en.wikipedia.org/w/index.) jedhamurraa fudhatame tokko gaazexaa /galaalcha yoo ibsu “News paper is serial publication containing news about current events other in formation articiles (listed below ) about plotics ,sports ,arts and adrestising . Akka waraabbii armaan olii irraa hubanneetti gaazexaan maxxansaa walitti ”
fufiinsaan qophaa’u ta’ee taatee haar aa fi dhimmoota biroo kanneen akka Siyaasaa ,ispoortii taphoota (aartiwwan )garaa garaa beeksisaa fi k.k.f. of keessatti qabatee kan dhiyaatuudha. 14
Karaa biraatiin galmeen jechoota Merriam – webister- dictionary hiika gaazexaa yoo kennu “ set of large sheet of paper that have news stories information about current events. Other informative articles local events , advertisement and that are folded together and sold every day or every weak”yaada armaan olii kanarraa kan hubannu gaazexaa qaama barreeffamaa guddaa odeeffannoo dabarsuu, taatee eddoo tokkotti uumame tamsaasuu, beeksisa garaa garaa dabarsuufi guyyatti ykn torbanitti kan qophaa’uu fi ga baarra ooluudha.yaaduma kana deeggaruun galmeen jechootaa Macmillan English dictionary jedhu yoo ibsu “ News paper set of large priced sheet of folder paper containing news article and other information usually published every day” 2.6. Faayidaalee Galaalchaa /Gaazexaa/
Galaachi gosa miidiyaa maxxansaa ta’ee torbanitti, guyyatti, torban lamatti fii Sanaa oliin kan maxxanfamu ta’ee karaalee gara garaatiin faayidaa garagaraa dubbistoota isaaf kan kennuudha. 2.6.1 Faayidaa Galaachaa Gama Beeksisuutiin
Galaalchonni dhimmoota hawaasni beeku qabuu fi beeksifachuu barbaadu naannawa muraasa /nama dhuunfaa tokko irraa fudhachuun dhaabilee mootummaas ta’u danda’a ummata bal’aaf beeksisuu keessaatti faayidaa guddaa qabu. Asaffaa Tafaraa (2009:126) yoo ibsu “Galaalchonni dhimmoota ummataa garagaraarratti fkn aadaa, diinagdee, siyaasaa fi k.k.f irratti xiyyeeffachuun ummata tajaajilu” Gama biraatiin Globe Fearon (:7) Faayidaa galaalchi gama beeksisuutin qabu yoo ibsu “in fact daily news paper more than half 0f its space for advertising this because the most publisher do not make profit selling papers they make many by selling ad space” Akka yaada armaan oliirraa hubanuutti galaalchonni guyyaatti maxxanfaman harki walakkaa ol beksisaan kan guutamaniidha. Sababni isaas dhaabbileen maxxansaa galii guddaa kan irraa argatan beksisa waan ta’eef. kana males hayyonni: josph staraubhar and rober lorese (126) yoo ibsan.
15
“Technology is transforming news paper display advertising making it more interacting and multimedia here we will briefly consider the impact of technology on the back bone of news paper advertising the classified ads” Akka yaada armaan oliirraa hubannutti yeroo ammaa kana guddinni Teknoloojii maxxansaalee harki caalu beeksisaan akka uwifaman taasisaa jira. Kan jechuun ammo beeksisni galaalchota maxxanfamanii bahaa jiraniif wirtuu lafee dugdaa ta’uu isaa ibsa. 2.6.2 Faayidaalee Galaalcha Gama barsiisuutiin
Galaalchonni humna nama baratee baay’inaan haa barbaadan malee karaa al idiileetiin gaheen isaan barsiisuu keessatti qaban salphaamiti Asaffaa Tafarraa (2009:114) Eela seena oguma oromoo moggasni jechootaa fi sabqunnamtiilee, yaadachiifni jechoota dagatamanii karaa sab qunnamtiileefi galaalchota ykn barrullee biroon ummata bira gahaa jiru.galaalchonni fi barrulleen Afaan Oromoo kannen biroos ergaa isanii keessatti waaltina afaan oromoorratti gahe guddaa taphatu. 2.6.3 Faayidaa Galaalcha gama bashannansiisutin
Galalchonni Karaalee meeshaalee miidiyaa garaa garaattii gargaaramanii fi Odeeffannoo funaaname maxxansanii ummataaf dhiyeessuu tiin fayidaa guddaa qabu.Yaada kana haayyonni Joseph straubhar and Robert Lerose (:58) Midia n ew yoo ibsan perhaps the most common faction of media is to entertain with the exception of magazine stile in formation in program such as 60 – mints and 20/20 the top ten programs on the network have television always been entrainment oriented even news paper and magazines complement the news and commentary with interlining diver vision of the sports and life style page . Akka waraabbii armaan olii irraa hubannutti yeroo ammaa kana hojiin guyyaa midiyaalee bashannansiisuu irratti xiyyeeffatan.Raadiyoo, Televijinii fi midiyaalee maxxansaa biros kan isaan irratti xiyyeeffatan ispoortii, haala jiruu fi jireenyaa fi Kan kana fakkaatan. bifa garaa garaatiin ibsuudha.
16
BOQONNAA SADII 3.1 Qaacceessaa Fi Hiika Odeeffannoo
Boqonnaa kana jalatti qabxiileen dhiyaatan gahee Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuu, jechoota gaazexaa bariisaa keessatti waaltina agarsiisani fi loogota Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’aatantu xiinxalamaanii,qaacceeffamanii dhiyaatu. 3.2 Gahee Gaazexaan Bariisaa Waaltina Afaan Oromoo Keessatti Qabu.
Kutaa kana keessatti gahee Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti kallattiiwwaan lamaan gumaachetu dhiyaata. Kunis karaa jechoota dagatamaa jiran kanneen dhaloota ammaa birattii keessattu sadarkaa barreeffamaatti tajaajila kennaa hin jirre fayyadamuun dagatamuu irraa baraaruu fi karaa jechoota sababoota garagaraan kan ka’e hawaasa Oromoo biratti darbee darbee jechoota Afaan biraan tajaajila kennaa jiran jecha Afaan Oromootiin fayyadamuun dubbistoota biraan ga’uutin ta’a. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa Bara 2009 ji’oottan shaniif i Bara 2008 ji’oottan lamaa keessaa fudhatamaniin deeggaramuun dhiyaateera.` Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 19/2008:4 irraa kan fudhatamee “gaafa mooraa seentan barjaan maxxanfamee jiru... “ Akka himaa armaan olii irraa hubannuutti jechoonni hima armaan olii keessatti tarraa’an hedduun isaanii jecha waalta’oo yoo ta’an jechi “ barjaa”jedhuu fi “Mooraa” jedhu Naannoolee Oromiyaa keessatti darbee darbee jechoota afaan biraattin bakka buufamanii tajaajilaa kennaa kan jiranii fi Afaanumaa Oromoo keessattis maqaalee garagaraan beekkamu. Fakkeenyaf jecha “ barjaa” jedhu yoo fudhannee dubbattoota Afaan Oromoo biratti tajaajilli inni kennuu amma tokko gad bu’aadha. K unis yeroo baay’ee jecha Afaan Amaariffaa “Taappeellaa” jedhamuun kan bekkamuu fi jechi“barjaa” jedhu kun hawaasa Oromoo bir attii bal’inaan kan hin beekamneedha. Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa jecha kana fayyadamuudhaan tajaajilii isa akka babal’aatuuf gahee isaa baheera.
17
Jechi biraa hima kana keessatti akka jecha Waalta’aatti fudhatame jecha “Mooraa” jedhu yoo ta’u jechi kun jechoota Afaan Oromoo kanneen akka dallaa, kaloo fi k.k.f ni waamama. Haa ta’u malee dubbattoonii Afaan Oromoo keessattuu namoonni hin baratiin jecha kana jecha Afaan Amaaraa “gibbii” jedhuun waamu. Gaazexaan Bariisaas jecha kana jechaa Afaan Oromoo yaadichaa bakka bu’uu danda’uun barreessee dubbistoota isaaf dhiyeesseera. Gaazexaa Bariisa Amajii 26/2009:6 irraa kan fud hatame “…maxxansaaleen iccitii kanaa dura maxxanfamanii jiran ...” Hima armaan olii keessatti jechoonni tarra’an jechoota ifaa fi waalta’oo ta’aniidha. Fakkeenyaf jecha “iccittii” jedhu yoo fudhannee sadarkaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti tajaajila bal’aa kennaa kan jiruu fi beekkamaadha. Haa ta’u malee jecha kana sadarkaa dubbiitti keessumaattu gara namoota hin baratiniitii finnee yoo ilaallee tajaajilli isaa hamma tokko gadi bu’aadha. K unis hawaasa hin baratiin biratti jecha Afaan Amaara “misxiir” jedhuu gara Afaan Oromootti fuduun “misxira” jedhamee kan waamamuudha. Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa jechoota Afaan Oromoo keessatti sababoota gara garaan maqaa hedduun waamaman jechoota waalta’oo Afaanicha keessaa jiran fayyadamuun dubbistoota biraan gahuu danda’eera. Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 19/2009:3 irraa kan fudhatamee “ ... kana jechuun sa’aatii shaayiitii laaqanaa osoo hin dabalatiin ...”. Hima armaan olii keessatti jechi “laaqana” jedhu yeroo nyaataa kan guyyaa/ waaree booda kan bak ka bu’uu yoo ta’u, dubbattoota Afaan Oromoo biratti dhiyana nyaata waaree jedhamunis hamma tokko ni beekkama. Haa ta’u malee jechi kun dubbattoota Afaan Oromoo kanneen baratanis ta’ee hin baratin birattis yeroo baay’ee jecha Afaan Amaarif fa “misaa” jedhamuun beekkama. Gaazexaan bariisaas jecha kana jecha afaan oromoo yaadicha ibsuu danda’uu bakka buusee fuula barruu isaarratti fayyadauun dubbistoota biraan gaheera. Kana malees fuuluma kana irraa kan fudhatamee “…ishee tokko biratti qarshii kaffaltanii nagahee fudhattu ishee tokko biratti chaappaa itti goosifattu…” 18
Hima armaan olii keessatti jechi “chaappaa” jedhuu, dubbattoota Afaaan Oromoo kanneen baratan biratti fi sadarkaa barreeffamaatti bal’inaan tajaajila kennaa jira. Haa ta’u malee dubbattoota Afaan Oromoo kanneen hin barattin biratti darbee darbee jecha Afaan Amaariffaa “maatab” jedhuu gara Afaan Oromootti fiduun “maataba” jedhanii waamu. Haalli kun baay’inaan Hawaasa hin baratiin biratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u Gaazexaan Bariisaas jechoota Afaan Oromoo fayyadamuun dubbistoota biraan gahuudhaan haalli kun akka fooyya’uu gochuu keessatti gahee ol aanaa gumaacheera. Gama biraattin kutaa kana jalatti kan dhiyaatu gahee Gaazexaan Bariisaa gama jechoota dhaloota ammaa biratti keessumattuu sadarkaa barreeffamatti tajaajila bal’aa kenna hin jiree fayyadamuun dagatamuu irraa baraaruutin gumaacheetu dhiyaata. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa keessaa fudhatamaniin deeggaramee dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Caamasaa 19/2009:5 irraa kan fudhatamee “... ani nyaadhee bulaa ati agabuu bulii…” Hima armaan olii keessatti jechi “agabuu ” jedhu dhaloota amma biratti baay’inaan hin beekkamu. Yoo beekameeyyuu tajaajila barreeffama kenna hin jiru. Kunis dhaloota amma biratti fi sadarkaa barreeffamatis yoo ilaaallee baay’inaan jechoota akka, beela , qooqa, shooma, fi qoonqoo kanneen jedhamaniin kan beekkamuu yoo ta’u keessattuu jechii beela jedhuu kun dhaloota amma biratti baay’inaan tajaajila kenna jira. Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa gama jechoota dagatamaa jiran dagatamu irraa baraarutin gahee guddaa taphachaa jira. Gaazexaa Bariisaa Muddee 14/2009:5 irraa kan fudhatamee “... qulqullina kenniinsa barnoota Afaanichas qubeesaa irraa egalee sadarkaa barnoota dakaa hanga gubbaatti sirritti hubachuun barbaachiisaa…’’. Hima armaan olii keessatti qulqullina barnoota Afaan Oromootiin walqabatee jechoota tarra’an keessatti jechi “ dakaa” jedhu jecha yeroo ammaa kana keessattuu sadarkaa barreeffamaatti baay’ee tajaajila kennaa hin jirreedha. Jechi kun jechoota akka gadii, gajjallaa fi jala jedhamaniin baay’inaan beekkama. K eessattu jecha gadi jedhu hima kanaan wal simsiisnuu yoo ilaallee fakkeenyaf sadarkaa gadii hanga oliitti jedhamuun baay’inaan tajaajila kennaa k an jiruudha.
19
Kanaafuu jechoonni haala kanaan dagatamee jiran Gaazexaa Bariisaa keessatti dhiyaatanii dubbisttoota bira gahaa jira. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:5 irraa kan fudhatamee “…hanga humni isaa danda’een Uummata hirmaachisee dhawaatan deebii kan kennuu ta’us…” Himoota armaan olittii tarra’an keessatti jechi “dhawaatan” jedhu yeroo ammaa kana keessattuu sadarkaa barreeffamatti baay’inaan tajaajila kenna hin jiru. Kunis jechoota akka adada adadaan,adeemsa adeemsaan,adeemsa keessa jedhamaniin haguugamee dagatamaa kan jiru yoo ta’uu keessattuu jechi “adada adadaan ” jedhu tajaajila bal’aa kenna jiraachuusaa barruulee Afaan Oromoo tokko tokkoo fi haasawa namootarraa hubachuu ni dandeenya. Gaazexaan Bariisaa jechoota durii irraaa ka’anii Afaanicha keessatti tajaajila kennaa jiran kanneen sadarkaa dagatamuutti deemaa jiran fayyadamuun dhaloota ammaa biraan gahuu keessatti gumaacha guddaa taasisera. 3.3 Jechoota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Waaltina Agarsiisan
Kutaa kana jalatti jechoota Godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti maqaa garagaraan waamamaanii fi kanneen hiikaa waaltinaa isa namoonni hundii hin beekne ta’ee garuu Gaazexaa Bariisaa keessatti waaltina argisiisantu qaacceffamee dhiyaata. Gaazexaa Bariisaa Gurraandhala 10/2009:8 irra kan fudhatame “…Ilmii nama jiruuf jireenya mijaata barbaachuuf carraaqqii taasisuu keessatti...” Hima armaan olii keessatti jechoonnii barraa’an hunduu jechoota waalta’oodha. Fakkeenyaf jecha “carraaqqii ” jedhu yoo ilaallee jechoota akka tattaaffii, ifaajee, dadhabbii fi kan kana fakkaataniin
kan beekkamu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha waalta’aa jechoota
kanniin bakka bu’uu danda’uu barreeffame dubbistotaaf dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Gurraandhalaa 10/2009:3 irra kan fudhatamee
20
“…Oromoon Geerarsaan rakkinaa fi gadadoo, milkaa’inaa dhabuu, akkasumaas hacuuccaa isa qunname...” Himoota armaan olitti tarraa’an keessatti jechootni barraa’an jechoota waalta’oodha fakkeenyaf “milkaa’inaa fi hacuuccaa” jedhaman yoo fudhanne iddoo garagaraatti maqaalee garagaaran beekkamuu. Fakkeenyaf jechi “ milkaa’ina” jedhu jechoota tishoo kanneen akka galma ga’iinsa, fiixan ba’uummsa fi k k f kan bekkamuu yoo ta’u, Gaazexaan Bariisaas jecha qeenxee jechoota kanneen bakka bu’uu danda’u fayyadameera. Gaazexaa Bariisaa Onkololeessaa 18/2009:7 irraa kan fudhatamee “hojii Seera kabachiisiisuu bu’a qabeessa fi si’ataa ta’e akka hojjatuuf ...” Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an ifaa fi waalta’oo yoo ta’an jecha “si’ataa” jedhu akka fakkeenyatti yoo fudhanne jechoota akka saffisaa, hoo’aa, ariifachiisa jedhamaniin kan beekkamudh. Jechi kunis Gaazexaa Bariisaa keessatti jechoota kanneen bakka bu’ee barraa’uun akka gocha waalteffameettii fudhataamu danda’eera. Gaazexaa Bariisaa Muddee 14/2009:4 irraa kan fudhatamee “…taatewwan kanneen haala ammaayyaatiin itti fuffiinsaan galmeessuun matayyootaf, dhaabbiileef, biyyoota fi hawaasa Addunyaaf ...” Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an hundii jechoota waalta’oodha. Hima kana keessatti jechi akka jecha waalteffameetti filatamee jecha “matayyootaf” jedhu yoo ta’u jechi kun jecha tishoo nama dhuunfaa/ namoota dhuunfaa jedhamuniis baay’inaan beekkamee, Gaazexaan Bariisaas jecha kanaa fayyadamuun dubbistootnii isaa hundii jecha kana akka argataniif gahee isa baheera. Gazexaa Bariisaa Muddee 14/2009:8 irraa kan fudhatamee “…Biyyoonnii Afrikaa marti waytaa jijjiiramni haala qilleensaa muudatu lammilee isaanii akkaataa itti bayyanachisaan ...” Hima armaan olii keessatti jechoota tarraa’an keessa jechi akka jecha waalteffameettii fudhatamee jecha “bayyanachiisuu” jedhu yoo taa’u jechi kun jechoota akka, hara galfachiisuu, harra baafachiisuu, boqochiisuu fi k k f waamamuu dha. Jechii kunis jecha qeenxee jechoota 21
kanneen bakka bu’ee barreeffama ta’uu isaatiin akka jecha waalteffamatti filaatamee qacceeffameera. Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 9/2009:8 irraan kan fudhatamee “…rakkoo ilaalcha fi fayyadamtummaa miidhaamtoota qaamaa miidhaa jiru kana maqsuuf Mootummaan ...” Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an jechoota ifaa fi waalta’oo dha.
Jechi akka waalteffameetti fudhatamee jecha”maqsuuf” jedhu yoo ta’uu jechi kun yerroo baay’ee jechoota akka hambisuuf, xiqqeessuf, balleessuuf jedha maniin kan bakka bu’amuu yookiin beekkamuu dha. Jechoonni kunniinis Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha kanaan bakka bu’amanii jechichiis akka jecha waalta’atti fudhatamee qacceeffameera. Gaazexaa Bariisaa Muddee 11/2009:8 irraa kan fudhatame “…Bataskaanni isaanii seerarra ce’uun sirrii akka hin taane ...” Hima armaan olii keessatti jechi akka jecha waalta’aatti filataaamee qacceeffamee jecha “ce’uun” jedhu yoo ta’u jechi kun namaa namattis haa ta’uu naannoo dhan haala garagaraan wammaama. Fakkeenyaf jechoota akka bira kutuu, bira darbuu, irraa darbuu jedhamaniin k an waamamuu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha qeenxee kanaan waalteffamee dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Gurrandhaala 3/2009:9 irraa kan fudhatamee “…
idileedhaan
uffaannaa
fi
boorsawwaan
Oomishan
cinaatti
namoonni
akkaataa
ajachisiifataniin…” Hima armaan olii keessatti jechoonni barra’an hunduu jechoota waalta’oo yoo ta’an jechi akka jecha waalteffameetti filatame fudhatame jecha “cinaa” jedhu. Jechi kun jechoota akka bira,
22
maddii, moggaa bukkee f i k.k.f kan beekkamuu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jechi cina jedhu kun akka jecha waalta’aatti fudhatamuun dubbistootaaf dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:10 irraa kan fudhatame “…ragaa sobaa sassaabdummaa kiraa fi bulchiinsa gaarii keessatti liqimfamuun gaaga’ama qabeenyaa fi lubbuu lammileerra gahu…” Jechoonni hima armaan olii keessatti barraa’an hedduun isaanii jechoota waalta’oodha. Jechi hima kan keessatti akka jecha waalteffameetti fudhatame jecha “gaaga’ama” jedhuu dha. Jechi kun jechoota akka, cinqamu, dararamuu, dhiphinaa fi k.k.f n kan waamamu yoo ta’u jechi “gaaga’amuu” jedhu kun akka jecha waalteffameetti fudhatameera.
Gaazexaa Bariisaa Onkololeessaa 18/2009:7 irraa kan fudhatame “…kun ammo uwwisa humna ibsaa saffisiisuurratti shora guddaa taphata ” Hima armaan olii keessatti jechoota tarra’an keessaa jechooni lama akka jecha waalteffameetti fudhatamaniiru. Jechoonni kuunniinis jecha “uwwisa” jedhuu fi “shora” jedhu yoo ta’u jechi uwwisa jedhuu kun jecha kallattiin isa bakka bu’u yoo hin jiraannees yaada bal’aa qabatee akka jiru jechoota duraa fi duuba isaa jiran irrraa hubachuun ni danda’ama. Akka yaadatti garuu jechoonni jecha kana bakka bu’u jedhamanii yaadaman wal ga’iinsaa,ga’uumsa keeessatti namoota afaan oromoo dubbisuu fi hubachuu danda’aniif yaadaa bal’aa qabatee dhiyaateera. Jechi biraa akka jecha waaltefffameetti fudhatame jecha “shora” jedhuudha. Jechi kun maqaalee garaagaraan kan beekk amu yoo ta’u isaan keessa gahee, qooda itti gaafatamummaa fi k.k.f ta’uu danda’uu. Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 18/2009:8 irraa kan fudhatame “…dhaabbatichi ho jiilee hanga ammaatti biyyattii keessati hojjateen bu’aaleen argaman hedduu ta’uu kan himan…”
23
Hima armaan olii keessatti jechi akka jecha waalteffameetti fudhatame jecha “heddu” jedhuudha. Jechi kun maqaalee garagaraatiin kan beekkamuu yoo ta’u maqaalee kanniin keessaa hikka jecha waalta’aatti fudhatamee baay’inaan itti fayyadamamee kan jiruudha. Maqaaleen kunnis jechoota akka baay’ee, danuu, dila fi k.k.f nii dha. 3.4. Loogota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Mul’atan
Kutaa kana jalatti loogota Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atantu funaanamee hiika Naannolee Oromiyaa garaagaraatti qabaniin wal bira qabamuun dhiyaata. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa Bara 2009 ji’oottan jahaa fi Gaazexaa Bariisaa Caamsa 2008 keessaa walitti qabamaanii qaacceffamanii dhiyaatu. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:5 irraa kan fud hatame “…jijjiirama bu’uura qonnaarratti fuduufis ta’ee abbootii qabeenyaa danuu hirmaachiisuuf…” Hima armaan olii keessatti jechoonni tarraa’an hedduun isaanii jechoota waalta’oo yoo ta’an jechi “danuu” jedhu looga naannoo ta’uu isaaa agarsiisa. K unis jechi kun looga naannawa akka Wallaggaa, Jimmaa fi kanneen biroos ta’u danda’an. Jechichi Naannoo Oromiyaa garagaraatti jechoota akka baay’ee, heddu, fi dila kanneen jedhamaniin kan beekkamu yoo ta’u jechoonni akka jecha waalta’aatti dubbattoota Afaan Oromoo biratti bal’inaan beekkaman jecha “hedduu fi baay’ee” jedhamaniidha. Gaazexaa Bariisaa Gurrandhala 10/2009:3 irraa kan fudhatame “…Oromoon hacuuccaa, rakkinaa fi gadadoo isaa qunname moggaatti dhiisee .” Hima armaan olii keessa jechi “moggaa” jedhu jechoota tarraa’an keessaa jecha akka loogaatti fudhatammeedha. Jechi kun jechoota akka maddii, cinaa, bira fi bukkee jedhamaniin kan beekkamus yoo ta’u jechi yeroo baay’ee akka jecha waalta’aatti tajaajila jecha kan loogaa naannoo ykn looga dhuunfaa jennee adda baasuun rakkisadha. Sababiin isaas iddoo garaagaraatti namoota garagar aatiin fayyadamama waan ta’eef, kunis Gaazexaa Bariisaa loogas akka fayyadamu ibsa.
24
Gaazexaa Bariisaa Caamsa 5/2009:5 irraa kan fudhatamee “yoo iddoo isaan hin barbaanne ta’e dhagichaan si haaleluu” Jechoota hima armaan olii keessatti tarraa’an keessa jechi looga naannoo/ Nama dhuunfaatiin barraa’e jecha “haaleelu” jedhuudha. Jechi kun iddoo garaagarattis ta’ee namoota garagaraa biratti jechoota ykn maqaalee hedduun beekkama kunis jechoota akka, dhahuu ykn dhaanuu, rukkutu fi tumuu, reebuu kanneen jedhamaniin beekkama. Jechoota kanneen keessaa jechii akka jecha waalta’aatti baay’inaan tajaajilaa jiru jecha “rukutuu” jedhu yoo ta’u haalli kun ammo Gaazexaa Bariisaa looga naannos ta’ee kan dhuunfas fayyadama barraa’uu isaa agarsiisa. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:10 irraa kan fudhatame “… wal’aansa fayyaa akka argatan taasisuun leeyyoo fi soda hirisuun kunuunsuu fi dandamachiisuun…” Hima armaan olii keessatti jechoonni tarraa’an jechoota ifaa fi waalta’oo ta’an yoo ta’an jechi “leeyyoo” jedhu garuu jecha looga naannoo muraasa qofatti beekkamuun tarraa’eera. Kunis Godinaalee Oromiyaa kanneen birootti hamma tokko yoo beekkameyyuu tajaajila bal’aaa hin kennu. Jechi kun jechoota akka soda, qaanii fi saalfii jedhamaniin kan beekamuu yoo ta’u jechi akka looga walii galaatti bal’inaan tajaajila kennaa jiru jecha “qaanii” jedhuudha.
Gaazexaa Bariisaa Gurrandhala 10/2009:9 irraa fudhate “… gandichatti namoonni 67 haroo Tulluu Waraanbus jalatti bishaan qocachuun jallisii hojjachu danda’aniru.” Jechoota hima armaan olii keessatti tarraa’an keessa jechi akka loogaatti fudhatame jecha “qocachuu” jedhu yoo ta’u jechi kun jechoota akka qusachuu, kuufachuu, walitti qabuu, jedhamaniin beekkama. Jecha kan hiika isaa kennuu fi looga naannoo ykn looga dhuunfaa jedhanii murteessuun ulfaataa ta’us akkaataa jechoota duraaf duuba isaatti tarraa’aniin adda baafachuun ni danda’ama. Kunis jecha “qocachuu” jedhu kana jecha waalta’aa “kuufachu” jedhu yoo bakka buusne hiika dubbattoota Afaan Oromoo kamifuu ifaa ta’e nuuf kennuu danda’a. Kunis Gaazexaa Bariisaa keessatti loogonni naannoos ta’ee kan dhuunfaas akka dhiyaatan agarsiisa.
25
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:4 irraa kan fudhatame “… namni osoo dafqa xuruurfatee agabuu buluu fi jireenya harka gara Afaanii geggeessu daandii sassabdummaa kira geessu soquunsaa waan hin oolle ta’a.” Jechoota hima armaan olii keessatti tarra’an keessaa jechi soquu jedhu jecha Naannawa Oromiya garagaraa keessatti hiika garagaraa qabudha. Fakkeenyaf jechi “soquu” jedhu naannoo Arsii, Baale fi SHawaa muraasa biratti “waa barbaaduu” Godinaalee gara Wallagga fi Jimmaatti ammo “lafa qotuu, akaafuu” hiikkawwan jedhaman qaba. K anaafuu akkaataa hima armaan olii keessatti dhiyaateen jecha kana jecha “barbaaduu” jedhuu yoo bakka buusne hiikaa eenyumtuu hubachuu danda’u nuuf kennu danda’a.
Gaazexaa Bariisaa Gurrandhala 10/2009:4 “Dr Darajjee Guutaa gama isaaniin maniin haaroomsichaa inni ijoon hanqinaalee muudachaa turan hiikaa…” Hima armaan olii keessatti jechi “manii” jedhu jecha dubbattoonni Afaan Oromoo hedduun itti hin fayyadamnee fi hin beeknedha. Jechi kun akkaataa jechoota duraa duuba isaa jiran irraa hubachuun danda’amuun jecha “ kaayyoo fi galma” jedhamaniin kan beekkamu yoo ta’u jecha durirraa kaasee tajaajila hiika kanaaf kenna jiru jecha ifaa fi waalta’aa “kaayyoo” jedhuun yoo bakka bu’ee gaarii ta’a.
26
BOQONNAA AFUR 4.1 Cuunfaa Qorannoon kun gahee Gaazexaa Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu irratti kan geggeef fame yoo ta’u, qorannoo kanaan Gaazexaa Bariisaa haala kamiin waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee akka qabu, jechoota waalta’oo Gaazexaa Bariisaa fayyadamuufi loogoota Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atan beekuun danda’ameera. Haaluma kanaan Gaazexaa Bariisaa gama jechoota dagatamaa jiran fayyadamuu fi jechoota hawaasa Oromoo biratti darbee darbee Afaan biraatiin waamaman jecha Afaan Oromoo bakka buusee fayyadamuun dubbistoota biraan gahuutiin shora guddaa taphachuun isaa bira gahameera. Gaazexaa bariisaa keessatti loogota naannoos ta’ee kan dhuunfaa barreeffamanii dhiyaachuun isaanii hubatameera. 4.2 Argannoo Gaazexaan Bariisaa jechoota waalta’aa ta’aniin dhiyaachuun waaltina Afaan Oromoo
keessatti gahee qabaachuun isaa bira ga’ameera. Gaazexaan Bariisaa gama jechoota dagataman yaadachiisuu fi jechoota sadarkaa dubbitti
darbee darbee Afaan birattin waamaman jechoota Afaan Oromootiin fayyadamuun 27
dubbistoota biraan ga’uutiin waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee qabachuun isa bira gahameera. Gaazexaa Bariisaa keessatti loogonni naannos ta’e loogni dhuunfaa tarraa’aanii yeroo itti
dhiyaatan jiraachuu isaa qorannoo kanaan bira ga’ameera. 4.3 Yaada Furmaata Loogonni
Gaazexaa Bariisaa keessatti barreeffamanii dhiyaatan caalatti akka
waaltaffaman gochuun barbaachiisaadha. Jechoonni waalta’an dubbistoota heddu bira akka ga’anif fac’iinsi Gaazexaa Bariisaa
osoo babal’atee gaariidha. Gaazexaa Bariisaa keessatti loogni naannoos ta’ee kan dhuunfaa osoo barreeffamuu
baatani jechoota waalta’oodhan dhiyaate gaarii ta’a.
Wabiilee Assaffaa Taffarraa (2009) .Eela seenaa ogummaa oromoo Finfinnee. Adunyaa Fayyisaa (2007). News Bias study in three Afaan Oromoo News paper Addis Ababaa. Waraqaa Qorannoo Hinmaxxanfamin Dastaa Dassalenyi (2013). Bu’uura Qorannoo. Finfinnee. Engidawork Taddesse (2015). Survey of Ethiopia mass media Modul Dilla. Globe Fearon ( ) Midia today. Girma Mammoo (2001). Wirtuu jildii 9ffaa Biiroo aadaa fi Tuuriiziimii Oromiyaa.Finfinnee Joseph Strabhar and Robert (1996 ). Media now.United State ofAmerica. Macmillan English dictionary.(2002) China. Merriam – Webster- dictionary.
28
Misganu Gulummaa (2013).Biiftuu Guddinaa Afaanii.Finfinnee Oromiyaa Toora interneetii (“https: //en.wikipedian.org /w/. Wirtii jidii 3 ffaa (1990) .Biiroo Aadaa fi Beeksisa Oromiyaa.Finfinnee. Wirtuu Jildii (1995) Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa.Finfinnee. Wirtuu jildii 9 ffaa (2001). Biiroo Aadaafii Ispoortii Oromiyaa.Finfinnee.
29
GALATA
Duraan dursee bu`aa bahii jireenyaa heddu keessa na dabarsee sadarkaa kanaan kan naga`e Rabbiif galanni guddaan haa ta`u.Itti aansuun maatii koo galma ga`iinsa kaayyoo kootitiif dhamaatii guddaa taasisaniifii gorsaa koo Barsiisaa Yuusuf Huseen kan nuffii tokko malee jalqabaa kaasee amma dhumaatti qorannoo koo na xumursiisaniif galanni koo daangaa hin qabu.
30